KAAYYOO WALOO SONA SEERAA FI FIB JOBS

Soni Seeraa fi FIB JOBS lachanuu madda tajaajilaa FIB TV jalatti kan hundeeffaman yoo ta’u,

waltumsa kanaan hawaasa humneessuu, carraa hojii idil-addunyaa uumuu, tajaajila

tekinoolojii ammayyeessuu fi jijjiirama dinagdee fiduuf hojjetu. Kaayyoon waloo

isaanii qabxiilee gurguddoo afur kanaan guduunfama:

1. Humneessuu Hawaasaa

Soni Seeraa tekinoolojii AI (Artifishal Intalajansii) fayyadamuun seera Itiyoophiyaa afaan sabaatiin hawaasaaf dhiyeessa. Kunis lammiileen mirgaa fi dirqama isaanii  hubatanii dirqama isaanii ba'achaa mirga bakka mirgi isaanii sarbametti mirga  isaaniif akka falmatan dandeettii kennaaf.

2. Carraa Hojii Idil-addunyaa 

​FIB JOBS Itiyoophiyaanota carraa hojii fooyya’aa barbaadan hojjettoota biyya alaa "Visa Sponsorship" kennan waliin wal quunnamsiisa. Kunis karaa seera qabeessa ta’een lammiileen carraa hojii addunyaa irratti akka hirmaatan gargaara.

 

3. Tekinolojii fi Furmaata Ammayyaa

​Hojiwwan lamaan kun AI (Artifishal Intalajansii) fi tajaajiloota dijitaalaa fayyadamuun, tajaajiloota kanaan dura argachuun baay'ee ulfaataa turan (kanneen akka ogummaa seeraa fi carraa hojii biyya alaa) harka nama hundaatti fidu. Hojii ammayyaan kun yeroo, humnaa fi baasii maallaqa hawaasaa qusachuun alatti dhamaatii dheeraa namaaf gabaabsa .

4. Jijjiirama Haala Jireenyaa fi Dinagdee

​Walitti hidhamiinsi hubannoo seeraa hawaasaa gabbisuu fi carraa hojii uumuu gidduu jiru, galii biyyaa fi hawaasaa guddisuun sochii diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa fooyyessuu keessatti gahee ol’aanaa qaba. Walumaagalatti, pirojeektonni kunneen lammiin Itiyoophiyaa tokko dandeettii guutuu fi mirga isaa kabajamee akka jiraatu dandeessisu.

 ​kaayyoon waloo keenya olitti kan ibsame yeroo ta'u tajaajilli keenya

kunneen bu'uuraa arfan gaditti kan tarreeffamanii dha  .

1. Tajaajila Qorannoo Dhimmaa

Dhugaan keessan sababoota rakkoo dhabamuu bulchiinsa gaarii fi kabajamuu dhabuu ol'aantummaa seeraa fi sababa dhabamuu sirnin itti gaafatamummaa tiin dhugaa keessan dhokate jiru ifa baasuuf yaada keessan fi ragaalee keessan seera waliin qindeessuun gabaasa qorannoo dhimmaa ( "Case Investigative Report" ) dhiyeessuu . Akkasumas projectiin misoomaa keessan akka milkawuuf "project" keessan orachuun gabaasni qorannoo kun sagaleen keessan ykn "project "keessan iyyeeffannoo akka argatuuf kan gargaaruu fi bu'aan qorannoo keenyaa qaama dhimmi ilaallatu biratti yeroo dhiyaatan dafee amansiisuun dhimmi keessan murtii atattamaa akka argattan gochuun isin gargaara. 

2. Falmii kallattiin TikTok irratti 

Faayidaan midiyaa inni guddaan waan dhokataa ifa baasuu fi mul'isuun madda odeeffannoo ta'ee waan tajaajiluuf  sagantaan marii fi falmii seeraa nuti  TikTok Sona Seeraa irratti torbanitti guyyaa sadii (Roobii, Jimaata fi Sanbata Guddaa) sa’aatii 2:30 galgala (lakkoofsa Itoophiyaa)dhiyeessinu hawwaasa ni barsiisaa,ni bashannansiisa. Sagantaa kanaan dhimmoota falmisiisoo irratti ni mari’anna falmii ijibbaataa ni gaggeessinaa , Namni hunduu yaada isaa falmiif nidhiyeessa ni falmaa dhuma irratti 8joo dubbii dhugaan adda baati ,kan haqa qabatee falme ni moo'ata kan dhugaa hin qabne ni moo 'atama . Sagantichi barsiisaa fi bashannansiisaa waan ta’eef hundi keessan affeeramtanii jirtu.

 

3. Tajaajila Gorsa Seeraa (24/7)

Seerota Itoophiyaa fi kan idil-addunyaa itiyophiyaan mallatteessite gadi fageenyaan isin hubachiisna. Seeronni kun kabajamaa jiru moo miti qabxiilee jedhama irratti Artifishal Intaleejensii fi ogeeyyii sona seeraa fayyadamuun daqiiqaa tokko yeroo hin guunne keessatti battalatti isiniif deebifna . Rakkoo ol’aantummaa seeraa, sarbamiinsa  mirga namoomaa, dhabamuu bulchiinsa gaarii, sirna itti gaafatamummaa, gama siyaasaan .diinagdee fi hawaasummaan itiyophiyaan maal irra jirti fi kallattii furmaata itti fufiinsa qabuu irratti gorsa seeraa  furmaata ta’u danda'u haala qabatamaa biyya keenyaa fi seera waliin wal-qabsiisnee bifa bashanansiisaa fi hawwataa ta'een isiniif dhiyeessina.

4. Tajaajila Barreeffamaa(24/7)

Waliigalteewwan barreessuun abbootii dhimmaa mallatteessisuu , iyyannoowwan fi ol-iyyannoowwan sadarkaa isaanii eeggatan abbaa dhimmaaf qopheessuun rakkoleen abbaa dhimmaa yeroon akka furaman taasisuun  gargaarru. Barreeffamoonni waajjira Immigreshinii, Embasiiwwan, Manneen Murtii, Waajjira Abbaa Alangaa fi dhaabbilee idil-addunyaaf dhiyaatan qulqullinaaf sadarkaa isaanii bifa gaaffii abbaa dhimmaaf  furmaata atattamaa argachiisuu dandeessisuun qopheessine abba dhimmaaf kennina , bakka dhimmi sun itti dhiyaachuu fi ilaalamuu qabu (local,material and administrative jurisdiction) qaama qabu adda baasnee abbaa dhimmaatti himuun qajeelumman tajaajilla.

Unka gaaffii fi iyyannoo garaagaraa 

Tiktok      tiktok.com/@fibjobs

email.      fibglobalmedia@gmail.com